Idaan alaa Itiyoophiyaa % 30.6 ture yeroo ammaa % 13.7 gadi bu’eera –Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Onkololeessa 21, 2017 (FBC) – Idaan alaa Itiyoophiyaa % 30.6 ture yeroo ammaa % 13.7 gadi bu’uu Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad ibsan.
Bara kana % 10 gadi gadi buusuuf hojjetamaa jiraachuu Dooktar Abiy ibsaa fi deebii miseensota mana mareef kennaniin eeraniiru.
Waggoottaan 6 darban Idaan alaa Doolaarri biiliyoonni 13 kaffalamuu dubbataniiru.
Qabeenyi dameewwan Faayinaansii Birrii Tiriiliyoona 3.5 gahuu kaasaniiru.
Baankiin Daldala Itiyoophiyaa Boondii dheerate Birrii biiliyoona 900 argachuu himaniiru.
Kunis damee Faayinaansii tumsuuf kan garaagaarudha jedhan.
Kuufamni Itti eeggannoo Baankii Biyyaalessaa % 161tti ol guddachuu ibsaniiru.
Kan Baankiilee dhuunfaa % 29tti guddachuu himaniiru.
Baankonni Doolaara miiliyoona 652 bituun Biiliyoona 1 ammoo gurguraniiru.
#Oromia #Ethiopia