Miidiyaaleen gabaasa Sirrii tokkummaa biyyaa cimsan hojjechuu qabu-Dooktar Laggasaa Tulluu
Finfinnee, Onkololeessa 20, 2017 (FBC)-Miidiyaaleen gabaasa Sirrii fi madaalawaa ta’ee haala tokkummaa biyyaa cimsuun hojjechuu qabu jedhan Ministirri Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa Dooktar Laggasaa Tulluun .
Leenjiin Ogeeyyii fi Hoggantoota Dhaabbiilee Miidiyaaf mata duree “Miidiyaa Seenessaa Biyyaalessaa fi ijaarsa biyyaaf” jedhuun guyyoota sadiif kennameera.
Leenjicharratti sanadoonni garaagaraa dhiyaachuun irratti mari’atamuun ibsameera.
Dooktar Laggasaan, jijjiramaa biyyaalessaa hordofee sirna ijaarsa mootummaaf rifoormiiwwan bu’uura kaa’an hedduun hojjetamuu ibsaniiru.
Haaluma kanaan bu’aaleen ummata fayyadamoo taasisan gama Diinagdee, hawaasummaa fi Siyaasaan galmaa’uu himaniiru.
Rifoormiiwwan biyyaalessaa bu’aa qabeessa taasisuuf Miidiyaaleen gumaacha isaanii cimsanii itti fufu akka qaban hubachiisuu Tajaajilli Oduu Itiyoophiyaa gabaaseera.
Miidiyaaleen haalota tokkummaa biyyaalessaa cimsaniin gabaasa isaanii hojjechuu akka qabanis Dooktar Laggasaan eeraniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama https://t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.