Itiyoophiyaan Yaa’ii COMESA 19ffaarratti hirmaachaa jirti
Finfinnee, Onkololeessa 20, 2017 (FBC)-Itiyoophiyaan Yaa’ii Ministiroota Gabaa Waloo Biyyoota Afrikaa Bahaa fi Kibbaa 19ffaa Burundii Bujumburaatti gaggeeffamaa jirurratti hirmaachaa jirti.
Yaa’icharrattis jilli Itiyoophiyaa Ministeera Dhimma Alaatti Waamamaa Dhaabbii Gamtaa Afrikaa, Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii fi Komishinii Dinagdee Afrikaa Ambaasaaddar Hiruut Zammanaan durfamu hirmaateera.
Ya’iin ministiroota COMESA raawwii nageenyaa fi tasgabbii gamaaggamuu ragaan Kaampaalaatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.
Dabalataan sochiin shororkeessitoota Liibiyaa, Sudaan, Koongoo Bahaa, Somaaliyaatti mul’atu fi jijiiramaa qabeenyaa qilleensaa akkasumas filannoowwan gaggeeffamanirratti mari’achuun ibsameera.
Ajandaaleen yaa’ii ministirootaa kanarratti ragga’anis Yaa’ii Dureewwan COMESA 23ffaa boru gaggeeffamurratti dhiyaachuun ni raggaasifamaan eegama.
#Oromia #Ethiopia