Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Jarman Waliigaltee Yuuroo miiliyoona 30 mallatteessan

Finfinnee, Onkololeessa 20, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaa fi Mootummaa Jarman waliigaltee deeggarsaa Yuuroo miiliyoona 30 mallatteessaniiru.

Deeggarsichas, Itiyoophiyaatti damee qonnaan raawwii jiruu fi damee dhuunfaan hojiilee hojjetaman saffisiisuuf kan oolu ta’uun ibsameera.

Bu’uuraa waliigaltichaan Mootummaan Jarman gama Baankii KFW’n pirojektoota ijoo lamarratti Itiyoophiyaaf deeggarsa faayinaansii akka taasisu ibsameera.

Qonnaa Itiyoophiyaa ammayyeessuun oomishtummaa dagaagsuuf tattaaffiwwan taasifamaniin mashinaroonni qonnaa biyya keessa akka galfaman tumsuuf kan oolu ta’uu ragaan Ministeera Maallaqaarraa argame ni mul’isa.

Kunis, qonnaan bultoonni mashinaroota qonnaa gargaaramuun oomishaa fi omishtummaa isaanii akka guddisanii fi gabaarratti akka dorgoman kan taasisuudha jedhameera.

Dabalataan, deeggarsichi Itiyoophiyaatti damee dhuunfaa jajjabeessuuf kan oolu yoo ta’u, Waldaalee Intarpiraayizoota xixiqqaa fi giddugaleessaaf dhiyeessii faayinaansii kan fooyyessu ta’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.