Ragaan mirkaneessa qabiyyee lafaa miiliyoonni 28 qonnaan bultootaaf kannamuu ibsame
Finfinnee, Onkololeessa 19, 2017 (FBC) – Ragaan mirkaneessa qabiyyee lafaa sadarkaa 2ffaan miiliyoonni 28 qonnaan bultootaaf kannamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.
Deeggarsa Mootummaa Fiinlaandiin hojiirra oolaa kan jiruu fi bulchiinsa lafa baadiyyaarratti kan hojjetu sagantaan guduunfaa boqonnaa 2ffaa Piroojektii Raayilaa gaggeeffameera.
Qaamoleen garaagaraa Bulchiinsa lafa baadiyyaa ammayyeesuuf tattaaffii taasifamu tumsaa jiraachuu ibsameera.
Piroojektichi sirna qabiinsa ragaa bulchiisa lafa baadiyyaa ammayyeessuuf naannoolee 10 aanaalee 458 keessatti hojiirra oolaa jiraachuu hiameera.
Sadarkaa biyyaatti hanga ammaatti Ragaan mirkaneessa qabiyyee lafaa sadarkaa 2ffaan miiliyoonni 28 qonnaan bultootaaf kannamuu ragaan Ministeerichaarraa argam ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia