Fana: At a Speed of Life!

Dooktar Abiy Ahimad turtiin Yaa’ii BRICS fi Maaleezhiyaatti taasisan milkaa’aa ture-Billeenee Siyyum

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2017 (FBC)- Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hirmaannaan Yaa’ii BRICS fi daawwannaan Maaleezhiyaatti taasisan milkaa’aa turuu Itti Gaafatamtuun Pirees Sekireetaariyaatii Waajjira Ministira Muummee Billenee Siyyum ibsan.

Yaa’iin Dureewwan BRICS 16ffaan Raashiyaa Kaazaanitti gaggeeffamuun kan yaadatamuudha.

Billenee Siyyum turtii Ministira Muummee ilaalchisuun ibsa kennaniin, yaa’ii BRICS irratti waltajjiiwwan gamlamee fi damee hedduu irratti hirmaannaan bu’aa qabeessa taasisuu akeekaniiru.

Waltajjiiwwan hirmaatanirratti Afrikaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitti teessoo bakka bu’ummaa dhaabbii argachuu akka qabdu, sirni faayinaansii Idil Addunyaa fooyya’uu akka qabu waamicha dhiyeessuu ibsan.

Mariiwwan gamlameerrattis ejjennoowwan Itiyoophiyaa calaqqisiisuu himaniiru.

Turtii Maaleezhiyaatti taasisaniinis Ministira Muummee Biyyattii Anuwaar Ibiraahiim waliin mari’achuu kaasaniiru.

Marii isaaniin biyyoonni lameen hariiroo yeroo dheeraa qaban daran cimsuuf waliigaltee waloorra ga’uu eeraniiru.

Abbootiin qabeenyaa Maleezhiyaas haala invastimantii mijataa jiru fayyadamuun Itiyoophiyaatti hojii invastimantiirratti akka bobba’an waamicha dhiyeessuu ibsaniiru.

Akkasumas giddugalaa kurfeessa konkolaattoota pirotokoolii fi magaalaa ammayyeesuu akkasumas sochiiwwan misoomaa garaagara daawwachuu dubbatan.

Turtiin Dooktar Abiy Yaa’ii BRICS fi Maaleezhiyaatti qabaatanis mikaa’aa akka ture kaasuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.