Fana: At a Speed of Life!

Dhaabbanni Tumsa Faayinaansii idil addunyaa hojiilee misoomaa Itiyoophiyaan hojjetaa jirtuuf deeggarsa maallaqaa fi teeknikaa kan taasiisu ta’uu beeksise

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2017 (FBC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen hojii raawwachiisaa olaanaa Tumsa Faayinaansii idil addunyaa Maaktaahaar Diiyooppii fi Pireezidaantii Itti Aanaa Ejansii Wabii Invastimantii Itiyoophis Tafarraa waliin mari’atan.

Fooyyessa Imaammata Diinagdee Gooroo fi dhimmoota damee dhuunfaarratti mari’ataniiru.

Tattaaffii Itiyoophiyaan hirmaannaa dameen dhuunfaa guddina diinagdee keessatti qaban guddisuuf taasisaa jirturratti marii bu’aa qabeessa gaggeessuu eerameera.

Fooyyessi Imaammata Diinagdee Gooroo dhiyeenya taasiifame Invastimantii dhuunfaa caalmaatti hawwachuuf haala mijataa kan uume ta’uu marichaan ka’eera.

Fooyyessichi damee dhuunfaa caalmaatti si’eessuu Obbo Ahimad Shideen eeraniiru.

Dhaabbanni Tumsa Faayinaansii Idil Addunyaa fi Ejansiin Wabii Invastimantii tumsa barbaachisu akka taasisan gaafataniiru.

Dhaabbanni Tumsa Faayinaansii idil addunyaa hojiilee misoomaa Itiyoophiyaan hojjetaa jirtuuf deeggarsa maallaqaa fi teeknikaa kan taasiisu ta’uu Maaktaahaar Diiyooppi mirkaneessaniiru.

Dhaabbileen lamaan walitti dhiyeenyaan hojjechuu fi Workishooppii Invastimantii Kallattii Alaa Bara 2025 Itiyoophiyaa waliin qabeessuuf waliigalaniiru jedhame.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.