Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan qoricha aadaa bu’uureffachuun qoricha garaagaraa omishuuf hojjechaa jirti-Ministeericha

Finfinnee, Onkololeessa 17, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaan qoricha aadaa bu’uureffachuun qoricha garaagaraa biyya keessatti omishuuf hojjechaa jiraachuu Ministeerri Fayyaa beeksise.

Sirni Qoricha Aadaa funaanuu Saba Yem “Saamo’eettaa” Aanaa Foofaa Tulluu Bor irratti gaggeeffameera.

Sirnicharratti, Ministir Deetaan Ministeera Fayya Dooktar Darajjee Dhugumaa, Pireezidaantii Naannoo Giddugaleessa Itiyoophiyaa Obbo Indaashaawu Xaasoo dabalate keessuummoonni garaagaraa argamaniiru.

Dooktar Darajjee Dhugumaan, Itiyoophiyaan qoricha aadaa bu’uureffachuun Qoricha garaagaraa biyya keessatti omishuuf hojjechaa jirti jedhan.

Qoricha Aadaa Qopheessuu dhalootatti dabarsuun babarbaachisaa ta’uu dubbataniiru.

Obbo Indaashaawu xaasoon gama isaaniin Aadaa “Saamoo’eetta” dabalate Adaa Hawaasni Yem qabu hunda madda tuurizimii taasisuuf xiyyeeffannoon kan hojjetamu ta’uu ibsaniiru.

“Samoo’eettaan” waggaa waggaan Onkololeessa 17 gaggeeffama.

Warqaafarraaw Yaalawuu fi Bariisaa H/Maariyaamtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.