Fana: At a Speed of Life!

Hirmaannaan Itiyoophiyaan BRICS keessatti qabdu, guddina diinagdee isheef gumaacha olaanaa qaba –Ambaassadar Eevgeenii Tereekhiin

Finfinnee, Onkololeessa 16, 2017 (FBC) –Hirmaannaan Itiyoophiyaan BRICS keessatti qabdu, guddina diinagdee isheef gumaacha olaanaa qabaachuu Itiyoophiyaatti Ambaassadarri Raashiyaa Eevgeenii Tereekhiin himan.

Biyyoonni miseensa BRICS, dhimmoota diinagdeefi hariiroo Uummataaf uummata gidduutti waloon kan hojjatan yoo tahu, kunis miseensonni biyyootaa guddina hundagaleessaa mirkaneessuuf kan isaan dandeessisu ta’uu eeraniiru.

Hirmaannaa Itiyoophiyaan BRICS keessatti qabdu, guddina diinagdee isheef qooda  mataa isaa qabaachuu dubbachuun, Itiyoophiyaan kaayyoo BRICS milkeessuu keessatti illee shoora olaanaa akka gumaachiitu abdii qabaachuu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan Yaa’iiBRICS 16ffaarratti hirmaachuun ejjennoo madaalawaa dhimmoota addunyaarratti qabdu agarsiifterti.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.