Fana: At a Speed of Life!

Galmoonni sadarkaa maatitti milkeessuuf qabanne xiyyeeffannoo barbaadu-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Onkololeessa 15, 2017 (FBC)-Galmoonni ijoon sadarkaa maatiitti milkeessuuf qabaman hojiilee xiyyeeffannoo barbaadan ta’uu Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa Shimallis Abdisaan akeekan.

Pireezidaanti Shimallis Abdiisaan gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin daawwannaa misoomaa Lixaa fi Kibba Lixa Oromiyaatti tibbana taasisaa turan xumuruu ibsan.

sosochii misoomaa gandoota, aanootaa fi magaaloota godina Jimmaa keessatti raawwatamaa jira daawwachuu eeraniiru.

Aanaa Limmuu Kossaa Ganda Carraaqqiitti kilaastara ruuzii, ganda Geenaa Dambiitti kilaastara Gabbisa Loonii, ganda Walakkee Sombootti muuziifi avokaadoo al-ergii, aanaa Maannaa, Ganda Somoddootti inisheetivii baala shaayii fi ganda Aanaa Saqaa Coqorsaa ,ganda Buuyyoo Qacamaatti sagantaa qulqullina manneen baadiyyaa daawwachuu ibsaniiru.

Godinni Jimmaa inisheetivoota kanneeniin poteenshaala guddaa kan qabu yoo ta’u, milkaa’inni hanga ammaa jiru kun galma qabame milkeessuuf agarsiiftuu ta’uu himaniiru.

Jimmi qe’ee misoomaaatikan jedhan Pireezidaanti Shimallis oyiruu jiidhaa fi lafa carraawwaan misoomaa heddu naannoo keenyaaf, akkasuma biyyaaf taateedha.

Maaddii carraawwan kana galma badhaadhinaa qabannetti jijjiiruuf, carraawwan jiran duguugnee fayyadamuun qindoominaa fi aantummaa ummataa olaanaan hojjechuun dirqama hoggansa sadarkaan jiru ta’uu akeekaniiru.
sochiin inisheetivoota babaldhisuu fi idileessuu akkasumas, gurmaa’insa gandaa jabeessuu, keessumaa galmoota ijoo sadarkaa maatitti milkeessuuf qabamef hojii xiyyeeffannoo barbaadu ta’uu dubbataniiru.

hoggantoonni ittigaafatamummaa olaanaan akka sochoo’an waamicha dhiyeessaniiru.

Pireezidaanti Shimallis simannaa ho’aa ummanni Godina Jimmaa taasiseef galateeffataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.