Fana: At a Speed of Life!

Hoggantoonni Olaanoon Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa Tajaajila Intalajensii Seekreetii Biritaaniyaa (MI6) waliin mari’atan

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2017 (FBC)- Hoggantoonni Olaanoon Tajaajila Nageenyaa fi Odeeffannoo Biyyaalessaa Tajaajila Intalajensii Seekreetii Biritaaniyaa (MI6)’ waliin hojiiwwan nageenyaa garlamee, naannawaa fi idil Addunyaarratti waloon hojjechuuf mari’achuun ibsameera.
Tajajilichi ibsa Faanaa Biroodkasting Koorporeetiif ergeen, Tajaajila Intalajensii Seekreetii Biritaaniyaa waliin tumsa jiruu caalmaatti cimsuun barbaachisaa ta’uu ibseera.
Hogganaan Tajaajila intalajeensii Seekreetii Biritaaniyaa Riichaard Piitar Muur,gamasaaniin,faayida tarsimaawa Itiyoophiyaan qabduu fi dhiibbaa uumtumaan Dhimmoota naannawaa, Ardii fi idil Addunyaarratti tumsi isaanii cimee kan itti fufu ta’uu dubbataniiru.
Haaluma kanaan dhaabbanni isaanii dhimma nageenyaarratti odeeffannowwan wal jijjiruu hojjechaa jiru cimsee kan itti fufu ta’uunis eerameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.