Fana: At a Speed of Life!

Gurgurtaa Humna Elektirikaa biyyoota ollaaf dhiyaaterraa galiin Doolaarri miiliyoonni 31.5 argame

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2017 (FBC) –Baatiwwan sadan darban Gurgurtaa Humna Elektirikaa biyyoota ollaaf dhiyaaterraa galiin Doolaarri miiliyoonni 31.5 argamuu Humni Elektirikaa Itiyoophiyaa beeksise.

Baatiwwan sadan darban keessa humna Elektirikaa Giigaa Waattii sa’aatii kuma 6 fi 456 tajaajila biyya keessaa fi biyyoota ollaaf dhiyeessuun danda’amuu Daayrektarri Kominikeeshinii dhaabbatichaa Mogas Makonniin ibsaniiru.

Humna Elektirikaa Giigaa Waattii sa’aatii 497.8 Jibuutii, Sudaanii fi Keeniyaaf dhiyaaterraa galiin Doolaarri miiliyoonni 31.5 argamuu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.