Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin BRICS 16ffaan Kaazaanitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 13, 2017 (FBC) – Yaa’iin BRICS 16ffaan Raashiyaa magaalaa Kaazaanitti gaggeeffamaa jira.
Minsitirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimadii fi Jilli Hoggantootaa isaaniin durfamu Yaa’icharratti hirmaachaa jira.
Hoggantoonnii fi Ministiroonni Dhimma Alaa biyyoota garaagaraa yaa’icharratti hirmaachaa jiru jedhame.
Yaa’iin guyyoota sadiif gaggeeffamu kanarratti dhimmoota hariiroo diinagdee fi tumsa teeknooloojii biyyoota miseensa dhaabbatichaa haalaa caalmaatti cimsuun danda’amurratti kan mari’atamu ta’uu ibsameera.
Yaa’ichaan cinaatti mariin waloon hoggantootaa kan gaggeeffamu ta’uu eerameera.
You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.