Fana: At a Speed of Life!

Gandoota giddugala misoomaa fi haaromsi itti mirkanaa’u gochuuf xiyyeeffannoo hojjetamuu qaba-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee Onkololeessa 12, 2017 (FBC)-Gandoota giddugala misoomaa fi haaromsi itti mirkanaa’u gochuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamuu akka qabu Pireezidaantiin Mootummaa naannoo oromiyaa Shimallis abdiisaan hubachiisan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin guyyaa har’a Gandoota Godina Iluu Abbaa Booraatti argamuun, faroo qe’ee fi oyiruu ummata daawwanneerra jedhan.

Iluun carraawwaan misoomaa hedduuf qilleensa mijataa ta’e kan qabdu giddugala inisheetivoota naannoo keenyaatis jedhaniru.

Aanaa Aallee ganda Carii Hoobeetti misooma Baala Shaayii, Magaalaa Goreetti misooma Damma, Aanaa Mattuu Ganda Madeetti misooma Baala Shaayii, Waarshaa Nyaata Loonii Qindaa’aa, Kilaastara Magaalaafi Buufata Xayyaaraa Mattuu daawwachuu ibsan.

Aanaa Haluu Waajjira Ganda Abbiyyuu Kidaane Mihretitti argamuun sochii Gurmaa’insa Mootummaa Gandaa daawwachuun eeranii, gandichi gurmaa’insa lafa qabsiisuurra taree inisheetivoota Mootummaa akka baala shaayii, horsiisa loon aannanii fi foonii, horsiisa lukkuu fi misooma dammaa irratti hojii jajjabeessaa hojjechuu irratti akka argamu dubbataniiru.

Gandoota giddugala misoomaa fi haaromsi itti mirkanaa’u gochuuf xiyyeeffannoo addaan hojjetamuu akka qabuu hubachiisaniiru.

Hoggansi gandaa carraawwaan jiran adda baasuun humna ummata sochoosuun tarkaanfachuun kan irraa egamuu ta’uu akeekaniiru.

Sosochiin misoomaa jiruu fi hamileen hojii ummaata gandoota godinichaa heddu abdii kan hour ta’uu ibsuun, galma qabanne dhugoomsuuf hoggansii sadarkaan jiruu fi qooda fudhattoonni qindoominaa fi aantummaa olaanaan akka hojjettan dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.