Fana: At a Speed of Life!

Sababa Balaa ibiddaa ‘Shammaa Taraatti’ mudatee qorachaan jira-Poolisii

Finfinnee Onkololeessa 12, 2017 (FBC)- Magaalaa Finfinnee Kutaa Amagaalaa Addis Katamaatti Markaatootti Giddugalaa ‘Shammaa Taratti’ sababa balaa ibiddaa mudatee qorachaa jiraachuu Poolisiin Magaalaa Finfinnee beeksise.

Sababa balichaa Garee Qorannoo Fooransikii Poolisii Federaalaa waliin ta’uun qorannoo qindaa’aa gaggeessuu eegaluu ibseera.

Balichaa ittisuu fi sababa balichaan yakki biraan akka hinmudanne akkasumas hojjettoonni ittisa balaa hojii isaani sirnaan akka bahataniif qaamoleen nageenyaa hirmachisuun balichi akka hinbabal’anne tattaaffii olaanaan tasifamuu ibseera.

Balicha da’eeffachuun yakkaa hannaan namoonnni shakkaman 33 to’annoo jala oolfamuun qorannoon gaggeeffamaa akka jiru ibseera.

Balichaan namoota 7 irraa miidha salphaan, namoota 2 irra ammoo miidhaa cimaan qaqqabuu poolisiin beeksiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.