Fana: At a Speed of Life!

Boordichi Paartilee Siyaasaa 11’rratti murtoo dhorkii dabarse

Finfinnee Onkololeessa 12, 2017 (FBC)- Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itiyoophiyaa yaa’ii waliigalaan, oodiitiin, miseensa dubartootaan deeggarsa maallaqaa argamuun walqabatee xalayaa dhorkii ifoomseera.

Paartileen murtoo dhorkii irratti darbes, Sochii Bilisummaa Oromoo, Paartii Diimokiraatawaa Itiyoophiyaa Tokkoo, Dhaabbata Diimokiraatawaa Ummata Geede’oo, Dhaabataa Diimokiraatawaa Hararii, Paartii Sirna Gadaa Bilisummaa Oromoof, Sochii Biyyaalessaa Walaayittaa, Paartii Dhaloota Haaraa, Sochii Diimookiraataawaa Biyyaalessaa Gaambeellaa, Sochii Diimookiraatawaa Ummatoota Gaambeellaa, Gamtaa Diimokiraatawaa Itiyoophiyaa fi Paartii Diimookiraasii fi Haqaa Agawuu fa’aa ta’uu beeksiseera.

Murtoon dhorkii boordichaan darbee kun hanga boordichi murtoowwan adda addaa dabarsutti paartileen kunneen sochii seera qabeessaa kamiyyuurraa dhorkamanii akka turan kan taasisu ta’uun ibsameera.

Dhorkiin darbee kunis hanga ka’utti paartileen eeraman yaa’ii Manni Maree Paartilee Siyaasaa Itiyoophiyaa qopheessurratti argamuu, filachuu, filatamuu akkasumas miseensa koree ta’uun tajaajiluu akka hindandeenye beeksisuun, manni marichaas dhorkii ka’ame akka hojiirra oolchu hubachiiseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.