Fana: At a Speed of Life!

Pireezidaanti Taayyeen CAF gaaffii Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa qopheessuuf dhiyeessite akka raggaasisu gaafatan

Finfinnee, Onkololeessa 12, 2017 (FBC) –Pireezidaantiin FDRI Taayyee Atsiqasillaaseen CAF gaaffii Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa qopheessuuf dhiyeessite akka simatuufi raggaasisu waamicha dhiyeessaniiru.

Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad kaleessaa galgala Pireezidaanti FIFA, CAF fi Koree Hojii Raawwachiisatoota CAF’fAfeerraa Irbaataa Masaraa Mootummatti taasisanirratti, Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa 37ffaa bara Faranjootaa 2029 gaggeeffamu qopheessuuf humna qabaachuu ibsuun isaanii ni yaadatama.

Yaa’ii waliigalaa CAF Finfinneetti gaggeeffamaa jirurratti Pireezidaanti Taayyeen Afrikaanoonni baga nagaan dhuftan jechuun ergaa dabarsaniiru.

Itiyoophiyaan Kubbaa Miilaa Afrikaaf ashaaraa guddaa qabaachuu ibsuun, bara 1957 CAF wayita hundaa’u biyyoota turan keessaa tokko ta’uu ibsaniiru.

Seenaa Itiyoophiyaan Kubbaa Miilaa Afikaa keessatti qabdu ilaalcha keessa galchuun Waancaa Afrikaa 2029 gaggeeffamu qopheessuuf gaaffii dhiyeessuu kaasaniiru.

Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa qopheessuuf Istaadiyeemii ijaaraa jiraachuu eeruun, kanneen biroorrattis hojii foyyeessi hojjechaa jiraachuu himaniiru.

CAF gaaffii Itiyoophiyaan Waancaa Afrikaa qopheessuuf dhiyeessite fudhachuun akka raggaasisu Pireezidaanti Taayyeen gaafachuu TOI gabaaseera.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.