Fana: At a Speed of Life!

Guyyoottaan kurnan itti aanaan keessa kutaaleen biyyattii tokko tokko Rooba salphaa hanga giddugaleessaa ni qabatu jedhame

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2017 (FBC) – Inistiityuutiin Raaga Haala Qilleensaa Itiyoophiyaa haala qilleensaa guyyoottaan kurnan itti aananii naannawaa Rooba waqtii 2ffaa argatanii ilaalchisee ibsa kenneera.

Kutaaleen Kibbaa, Kibba Bahaa akkasumasa Lixaa fi Kibba Lixaa biyyattii rooba fooyya’aa argachuu akka danda’an tilmaameera.

Haaluma kanaan Godinaaleen Booraanaa, Gujii, Godinaaleen Naannoo Sidaamaa, Kibbaa Itiyoophiyaa fi Godinaaleen Kibba Naannoo Somaalee rooba salphaa hanga giddugalee qabaatu jedheera.

Dabalataan kutaaleen Lixaa fi Kibba Lixaa itti fufiinsaan rooba kan argatan ta’uu ibseera.

Naannoo Oromiyaatti Godinni Baalee, Baalee Bahaa, Gujii fi Gujii Lixaa, Booranaa fi Boorana Bahaa, Naannoo Kibba Itiyoophiyaatti Godinaaleen Gaamoo, Walaayittaa, Koonsoo, Baaskeettoo fi Burjiinis rooba kan argatan ta’a jedhe ibsa isaan.

Godinaaleen Wallagga Bahaa, Horroo Guduruu, Arsii lamaan, Harargee lamaan, Naannoo Beenishaanguul Gumuzitti Godinni Matakkal, Asoosaa, Kaamaashii fi Godinni addaa Maa’ookoomoo, Gaambeellaatti Godinni Addaa Itaangaa, Nuweer, Anyuwaakii fi Maazyaangi rooba salphaa hanga giddugaleessaa ni argatu jedheera.

Akkasumas Naannoo Oromiyaatti Godina Shawaa Bahaa, Lixaa, Kibba Lixaa fi Salaaleen, Tigraayitti Godina Kaaba Baha Tigraay, Lixaa, Kibbaa fi Kibba Bahaaa, Afaar Godina Faantii, Maahii, Haarii fi Gaabbiitti Roobni waqtii isaa hin eegne mudachuu akka malu himuu ragaan Inistiityuuticharraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.