Fana: At a Speed of Life!

Gaazexeessaa Firaa’ol Taaddasaan du’aan addunyaa kanarraa boqote

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2017 (FBC) – Gaazexeessaa OBN kan turan Firaa’ol Taaddasaa dhibee tasaan du’aan addunyaa kanarraa boqochuu ibsameera.

Gaazexeessaa Firaa’ol Taaddasaa Godina Shawaa Kaabaa aanaa Yaayyaa Gullalleetti dhalatee guddate.

Barnoota isaa sadarkaa tokkoffaa achumatti kan barate yoo ta’u sadarkaa lammaffaa mana barnootaa Fiichee Sadarkaa 2ffaatti barate.

Yuunivarsiitii Finfinneetti digirii jalqabaan gosa barnoota ‘Sociology’ barate.

Digirii jalqabaa kan biroo Yuunivarsiitii Saayinsiifi Teekinoolojii Adaamaarraa Siivil Injinariingii barateera.

Bara 2000-2002’tti Faanaa Biroodkaastiingi Korporeet keessatti hojii gaazexeessummaan qacaramee hojjetaa ture.

Qophiilee inni hojjetaa ture keessaa qophii Daawwitii, gaaffiifi deebii, fayyaan faayaa, gumaata egereefi kanneen biroo qophiilee jaalatamoo turani.

Bara 2002 FBC gadhiisuun dhaabbata Piroomooshinii Faayaa jedhamu keessa qacaramuun hojjetaa ture.

Sana booda Oromiyaa Biroodkaastiing Neetwoorkitti qacaramuun gita adda addaarra hojjetaa ture.

Gaazexeessaa Firaa’ol Taaddasaa dhibee tasaan addunyaa kanarraa darbeera.

Faanaa Biroodkaastiingi Korporeet maatii, Firoottanii fi hiriyoota isaaf jajjabina hawwa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.