Fana: At a Speed of Life!

Antooniyoo Guutareez Finfinnee galan

Finfinnee, Onkololeessa 11, 2017 (FBC) – Barreessaa Olaanaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Antooniyoo Guutareez daawwannaa hojiif Finfinnee galaniiru.

Guutareez waayita Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolee gahan Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Burtukaan Ayyaanoo fi Itti Aantuu Barreessituu Olaantuun Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii Amiinaa Mahaammadii simannaa taasiisaniifiru.

Antooniyoo Guutareez turtiisaaniin walgahii waggaa hooggantoota Dhaabbata biyyoota gamtoomaniifi Gamtaa Afriikaa irratti kan hirmaataan ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.