Fana: At a Speed of Life!

Aadde Adaanech Pireezidaantii CAF Paatiriis Mootiseeppeef Simannaa taasisan

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2017 (FBC) – Kaantibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Pireezidaantii Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Paatiriis Mootiseeppee fi hirmaattiita yaa’ii CAF Yaadannoo Injifannoo Adawaatti Simannaa taasiisaniifiru.

Pireezidaantiin Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa Paatiriis Mootiseeppeen yaa’ii Waliigalaa Konfedereeshiinii Kubbaa Miilaa Afrikaa 46ffaarratti hirmaachuuf Finfinnee galuun kan yaadatamuudha.

Yaa’iin Waliigalaa Konfedereeshinii Kubbaa Miilaa Afrikaa 46ffaan Boruu eegalee magaalaa Finfinneetti gaggeeffama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.