Fana: At a Speed of Life!

Oomishaalee fi shaqaxootarratti daballiin gatii hin barbaachifne akka hin jiraanneef to’annoo cimaan taasifamuu qaba jedhame

Finfinnee, Caamsaa 6, 2012 (FBC) – Oomishaalee fi shaqaxootarratti daballiin gatii hin barbaachifne akka hin jiraanneef  to’annoo cimaan taasisuumu akka qabu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Indaastirii obbo Malaakuu Allabal  ibsaniiru.

Ministirichi kana kan ibsan itti gaafatamtoota biiroo daldalaa naannoo fi bulchiinsa magaaloota waliin marii viidiyoo konfiraansii taasisaan irratti dubbataniiru.

Yeroo heeddu sababiin daballii gatii taasifamuuf to’annoon damee daldalaa fi dhaabbilee mootummaan taasifamuu laafaa ta’uuni jedhameera.

Ta’uus sirni hordooffii hawaasaa fi hawaasa daldalaa  hirmaachisee itti fufiinsaan diriirsuu fi sochii hojii ogeeyyoota hordofuu fi deeggaruun barbachiisadha.

Kanarra darbees daldalaa seeraan ala kontirobaandii irratti xiyyeeffannoo addaan hojjechuun taarkaanfii fudhatamee gamagamuun bu’aa argamee erga deemuun akka hojii gaariitti  fudhatamuu akka qabu ministirichi yaadachisaaniiru.

Naannoolee fi bulchisoonni magaaloota oomisha alaarratti xiyyeeffannoo laachuun hojjechuu qabus jedhaniiru.

Sabaaba weerara vaayrasii koroonaan oomishaalee fi shaqaxootarratti daballiin gatii hin barbaachifne akka hin jiraanneef to’annoo cimaa gochuun cinatti foyya’insa dhiyeessii  fi walitti hidhamiinsa gabaa uumuu irratti xiyyeeffannoon hojjetamuu akka qabu dubbataniiru.

Dabalataniis  tamsa’ina vaayrasii koroonaa ittisuun, to’achuu fi dhibbaan qaqqabsisuu hambiisuuf  labsii yeroo ariifachiisaa ba’ee fi labsiichaa hojirraa olchuuf  karaan dandeessisuu irratti mari’ataniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.