Fana: At a Speed of Life!

Loltoonni shanee waamicha Mootummaa fudhachuun harka kennan leenjii haaromsaa kennamaafii ture xumuran

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2017 (FBC) – Loltoonni shanee Waamicha Mootummaan naannoo Oromiyaa irra deddeebiin taasise fudhachuun harka kennan leenjii haaromsaa kennamaafii ture xumuraniiru.

Dogoggora kaleessaa irraa barannee hawaasa dararaa irraan gahaa turre hojii gaariidhaan tajaajiluuf qophoofneerra jedgan miseensonni kunneen.

Miseensotni Shanee duraanii kunneen hawaasa miidhaaf dararaa irraan gahaa turre dhiifama gaafannee dogoggora kaleessaa hojii fakkeenyumnaa qabuun bakka buusuuf kan hojjetan tahuu ibsaniiru.

Leenjii ji’oota lamaa oliif fudhataniin hubannoo argatan hojiitti hiikanii sochiilee misoomaafi nageenyaa irratti dammaqinaan hirmaachuudhaan badii kaleessaa fakkeenyummaa har’aatiin bakka buusuuf kan carraaqan ta’uu dubbataniiru.

Qaamoleen daandii dogoggoraa qabatanii qabsoo hidhannoo filannoo taasifatan carraa argame kanatti gargaaramuun gara daandii nagaatti akka dhufan dhaamsa dabarsuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.