Fana: At a Speed of Life!

Balaa dhidhimuu Bidiruu Haroo Caamootti mudateen walqabatee hanga ammaatti Reeffi namoota 12 argame

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2017 (FBC) – Bidiruun Abbulloo Arfaacoo ka’uun Haroo Caamoorraan gara magaalaa Aarbaa Minci namoota 16 fi Muuzii feetee imalaa turte dhidhimuun walqabatee hanga ammaatti Reeffi namoota 12 argamuu ibsameera.

Bidiruun kun Kamisa darbee naannawaa sa’aatii 10:20 dhidhimuun kan yaadatamuudha.

Jimaata darbe namoonni 3 lubbuun argamuu isaanii Ajejaan Qajeelcha Poolisii Godina Gaamoo Inispeektar Dabbabaa Oontoon ibsaniiru.

Hojii lubbuu baraaruu hojjetamaa jiruun kaleessa Reeffi namoota 2 fi har’a kan namoota 10 argamuu dubbataniiru.

Yohaannis Darribootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.