Fana: At a Speed of Life!

Piriimeer Liigii Ingilaandiin taphni har’a Liivarpuul – Cheelsii, Woolviis – Maanchiister Siitii keessummeessan ni eegama

Finfinnee, Onkololeessa 10, 2017 (FBC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 8ffaan taphni har’a Liivarpuul – Cheelsii, Woolviis – Maanchiisteer Siitii keessummeessan hawwiin eegama.

Woolviis har’a waaree booda sa’aatii 10:00 irraa jalqabee Istaadiyeem Mooliiniiyootti Maanchiister Siitii waliin falmiin taasiisu ni eegama.

Galgala sa’aatii 12:30 eegalee taphni guddaan torbee 8ffaa Liivarpuul Cheelsii keessummeessu xiyyeeffannoo argateera.

Kilaboonni lamaan taphoota 197 waliin taphatan keessaa Liiverpuul yeroo 86 yoo injifatu, Cheelsiin yeroo 65 injifachuun, si’a 46 ammoo qixaan xumuraniiru.

Maddi:-BBC Sport

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.