Fana: At a Speed of Life!

Bara oomishaa 2016/17 lafti hektaarri miiliiyona 20 sanyiin uwwifameera-MQ

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2017 (FBC)- Bara oomisha 2016/17 qonnaa gannaan lafti hektaaraa miiliyonaa 20tti dhiyaatu sanyiin uwwiifamuu Ministeerri Qonnaa beeksise.

Gamaaggamnii raawwii guyyoota 100 bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gaggeeffameera.

Sagantaa hojjiirra oolmaa fooyya’iinsa diinagdee gooroo hordofee akeektuuwwan diinagdee ijoo ta’an keessaa milkaa’inoota damee qonnaan galmaa’an ta’uun ibsameera.

Ministirri Ministeera Qonnaa Dooktar Girmaa Amanteen kurmaanni jalqabaa bara baajataa 2017 yeroo raawwii qonnaa ijoo ta’uu himan.

Haaluma kanaan qonnaa Gannaan lafti hektaarri miiliyoona 20’tti dhiyaatu sanyiin uwwifamuun milkaa’inni galmaa’uu dubbatan.
Bara kana lafti hektaarrii miiliyoona 4.1 qamadiin uwwifamuun milkaa’inaa biraa ta’uu dubbataniiru.

Fuulduratti Qamadii jallisii gaggeeffamuufis qophiin dhiyeessii galteewwan murteessoo taasifamuun lafti hektaarri miiliyoona 4.2 sanyiin uwwisuuf karoorfamee hojjetamaa akka jiru dubbataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.