Fana: At a Speed of Life!

Jimmaatti fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf hojiileen hojjetamaa jiran daawwataman

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2017 (FBC)- Godina Jimmaatti fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf hojiilleen hojjatamaa jiran dawwatamaniiru.

Godinicha Aanaa Limmuu Kossaatti kilaasteera muuzii, furdisa loonii fi damee qonnaan hojiilee dargaggootaan hojjatamaa jiran daawwatameera.

Daawwannicharratti ministeer deetaan Ministeeraa Dhimma Dubartootaa fi Hawaasummaa Munaa Ahimad, fayyadamummaa dargaggootaa mirkaneessuuf hojiileen godinatti hojjatamaa jiran fakkeenya jedhan.

fuuldurattis muuxannoo godinichaa naannoolee birootti babali’isuuf kan hojjetamu ta’uu dubbataniiru.

Hogganaan Biiroo Dargaggoofi Ispoortii Oromiyaa Obbo Maatiyoos Sobbooqaa, naannichatti dargaggoota dinagideen cimsuuf xiyyeeffannoon kennamee hojjatamaa jira jedhan.

Bulchaa Itti Aanaan Godina Jimmaa Obbo Yesuuf Shaaroon gama isaaniin rakkoo hojii dhabdummaa dargaggootaa furuu fi dargaggoota naamusa gaarii qaban horachuuf hojiileen eegalaman jajjabeessoo ta’uu himaniiru.

Muktaar Xahaa fi Tasfaahuun Kabbadaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.