Fana: At a Speed of Life!

Boba’aan seeraan ala liitirri kuma 5 fi 770 to’atame

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2017 (FBC)- Godina Harargee Bahaa Aanaa Qarsaatti boba’aan seeraan ala geejjibsiifamaa ture liitirri kuma 5fi 770 to’atame.

Boba’aan Birrii kuma 590 olitti tilmaamamu Magaalaa Qobboo irraa gara Aanaa Jaarsootti osoo geejjibsiifamaa jiru to’atamuu Itti Gaafatamaan Kutaa Kominikeeshinii fi Miidiyaa Qajeelcha Poolisii Godina Harargee Bahaa Gargaaraa Inispeektaraa Kaasiyyee Abbabbaa FBCtti himaniiru.

Boba’aa seeraan ala geejjibsiifamaa ture dabalatee konkolaachisaan to’annoo jala oolfamuun qorannoon gaggeeffamaa jiraachuu himaniiru.

Nageessoo Kadiirtu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.