Fana: At a Speed of Life!

Walga’iin Qindeessitoota BRICS 4ffaan gaggeeffamuu eegale

Finfinnee, Onkololeessa 9, 2017 (FBC)-Walga’iin Qindeessitoota Olaanoo BRICS 4ffaan Raashiyaa Magaalaa Kaazaanitti gaggeeffamaa jira.

Walga’icharratti gareen Itiyoophiyaa Ministir Deetaa Ministeera Dhimma Alaa fi Qindeessaa Ittaanaa Dhimmoota BRICS Ambaasaaddar Misgaanuu Argaan durfamu hirmaachaa jira.

Walga’ichi waliigaltee wixinee Kaazaanii fi hojmaataa biyyoota tumsitootaa qopheessuurratti kan xiyyeeffate ta’uu ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

Yaa’iin Dureewwan Biyyoota Miseensa BRICS 16ffaan Onkololeessa 12-14, 2017 Magaalaa Kaazaan Raashiyaatti kan gaggeeffamu ta’uun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.