Fana: At a Speed of Life!

Fooyyessi imaammata diinagdee Gooroo kurmaana 1ffaatti raawwiin fooyya’aan akka galmaa’u tumsuu ibsame

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2017 (FBC) – Raawwiin Hojii kurmaana jalqabaa bara 2017 bakka Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad argamanitti gamaaggamamuu eegaleera.

Fooyyessi imaammata diinagdee Gooroo taasiifame kurmaana 1ffaatti raawwiin fooyya’aan akka galmaa’u tumsuu ibsameera.

Bara baajataa kana guddina diinagdee % 8.4 galmeessuuf karoorfamuu Ministirri Ministeera Pilaanii fi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan eeraniiru.

Fooyyessi imaammata diinagdee Gooroo taasiifame guddinni qabame galmaa’uu akka danda’u agarsiiftuu ta’uu himaniiru.

Keessattuu Daldalli Alaa, Galiin Mootummaa, Invastimantiin kallattii Alaa, akkasumas sharafni alaa raawwii fooyya’aa galmeessuu eeraniiru.

Fooyyessi Imaammata Diinagdee Gooroo qophii gahaa booda taasiifamuu isaan bu’aa jajjabeessaa argamsiisuu Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen dubbataniiru.

Keessattuu hojiin daballii gatii tasgabeessurratti hojjetame daraan jajjabeessaa ta’uu kaasaniiru.

Waliigalaan raawwiin hojii kurmaana 1ffaa bara kanaa kan bara darbee yeroo walfakkaatuun yoo madaalame guddinni diinagdee fooyya’aan kan itti galmaa’e ta’uu himaniiru.

Baatiwwan sadan darban Birrii biiliyoonni 180 galii taaksirraa walitti qabamuu dubbachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.