Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Miseensa Koree Hoji Raawwachiistu Komishinii Olaanaa Godaantoota DhMG taate

Finfinnee, Onkololeessa 8, 2017 (FBC) –Itiyoophiyaan Miseensa Koree Hoji Raawwachistu Komishinii Olaanaa Godaantoota Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii ta’uun filatamte.

Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti Bakka Bu’aa Dhaabbiin Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Tsagga’aab Kibaabaw Korichatti Garee Afrikaa bakka bu’uun Itti Aanaa Dura Taa’aa ta’uun filatamaniiru.

Ambaasaaddarichi Waltajjiwwan hundagaleessaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanitti gaggeeffamaan dursuun akkasumas Jeeneevaatti waltajjii dhimma fayyaarratti Qindeessaa Ambaasaaddaroota garee Afrikaa ta’uun muxannoo gabbifachuun ibsameera.

Haaluma kanaan muxannoo argatan bu’uura taasisuun Itti Aanaa Dura Taa’aan filatamuu isaanii ragaan Ministeera Dhimma Alaarraa argame ni mul’isa.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.