Fana: At a Speed of Life!

Poolisiin Federaalaa dhaabbata cimaa yakka ga’umsaan ittisuu danda’u ijaaruu ibse

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2017 (FBC) – Poolisiin Federaalaa dhaabbata cimaa teeknooloojiin deeggaramuun yakka ga’umsaan ittisuu danda’u ijaaruu Komishinarri Jeneraalaa Komishinii Poolisii Federaalaa Dammallaash Gabramikaa’eel ibsaniiru.

Hirmaattoonni Yaa’ii Ministiroota Raayyaa Ittisaa Afrikaa Komishinii Poolisii Federaalaa daawwataniiru.

Dhaabbatichi muuxannoo biyyoota garaagaraa qindeessuun hojjechuun fooyya’iinsa taasiisuu Komishinar Dammallaash eeraniiru.

Kanaanis dhaabbata cimaa sadarkaa ardii fi idil addunyaa ijaaruuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Keessattuu teeknooloojiin deeggaramuun qorannoo fi Ittisa yakkaarratti xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Saamu’eel Warqaayyootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.