Fana: At a Speed of Life!

Hanga ammaatti Kompoostii idilee meetir kiwuubii miiliyooa 53 fi kuma 800 ol qophaa’eera-BQO

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2017 (FBC)- Naannoo Oromiyaatti kompoostii idilee meetir kiwuubii miiliyoona 250 qopheessuuf karoorfamee hanga ammaatti meetir kiwuubii miiliyoona 53 fi kuma 800 ol qophaa’uu Biiroon Qonnaa naannichaa ibse.

Hogganaan Biirichaa Obbo Geetuu Gammachuun Oromiyaatti dulla qophii xaa’oo uumamaa baatii tokkoof gaggeeffamu Godina Shawaa Bahaa Aanaa Ada’aatti jalqabsiisaniiru.

Sirna jalqabsiisaa duulichaarratti fayyummaaa fi gabbina biyyee eeguun oomishtummaa dabaluuf qophii xaa’oo uumamaaf xiyyeeffannoo addaa kennuudhaan waggoota muraasa darban kanatti hojiin jajjabeessaan hojjetamaa Obbo Geetuun yaadachiisaniiru.

Bara 2017 tti, fayyummaa fi oomishtummaa biyyee dabaluuf qonnaan bultoonni naannawaa mana isaaniitti kompoostii raammoo fi idilee qopheessuun akka itti fayyadamaniif kompoostii idilee meetir kiwuubii miliyoona 250 qopheessuuf karoorfamee hanga ammaatti meetir kiwuubii miiliyoona 53 fi kuma 835 fi 922 qophaa’euu himaniiru.

Kompoostii raammoo kuntaala miiliyoona 4 qopheessuuf karoorfamee hanga ammaatti kuntaalli kuma 759 fi 727 qophaa’uu eeraniiru.

Gama biraatiin qonnaan bultoonni bal’inaan kompoostii raammoo qopheefachuu akka danda’aniif giddugalli qophii kompoostii raammoo 217 hojii keessa galuu himuu ragaan biiricharraa argame ni mul’isa.

Qonnaan bultoonnni fi horsiisee bultoonni fayyummaa fi oomishtummaa biyyee dabaluuf gorsa ogeeyyii gargaaramuun qopheeffachuu akka qaban, ogeeyyiinis deeggersa ogummaa itti fufiinsa qabu akka taasisan Obbo Geeetuun dhaamaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.