Fana: At a Speed of Life!

Biyyoonni Hammattoo Waliigaltee Yaa’a Laga Naayil hinmallatteessine akka mallatteessan waamichi dhiyaate

Finfinnee, Onkololeessa 7, 2017 (FBC)- Fayyadamummaa haqa qaeessa kan mirkaneessu Hammattoo Waliigaltee Laga Naayil Biyyoonni hinmallatteessine akka mallatteessan waamichi dhiyaate.

Dubbii Himaan Ministeera Dhimma Alaa Ambaasaaddar Nabiyaat Geetaachoon akka jedhanitti hammattoon waliigaltee walta’iinsaa Laga Naayil biyyoota yaa’ichaa gidduuttii walta’iinsa misooma kan cimsuudha.

Fayyadamummaa haqa qabeessaa fi walqixa kan mirkaneessu waliigaltichi biyyoonni hinmallatteessiin akka mallatteessan turtii CGTN waliin taasisaniin waamicha dhiyeessaniiru.

Waliigaltichi gara raawwiitti seenuun imala dippiloomaasii bishaanii Laga Naayil keessatti milkaa’aa ta’uu kaasaniiru.

Hammattoo Waliigaltee Waltaiinsa Laga Naayil Onkololeessa 3, 2017 eegalee gara raawwiitti seenuun ni yaadatama.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.