Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensaa Iraan balalii gara Biyyota Awurooppaatti taasisu addaan kute

Finfinnee, Onkololeessa 6, 2017 (FBC)- Daandiin Qilleensaa Iraan balalii gara Biyyoota Awurooppaatti taasisu addaan kutuu beeksise.

Daandichi kana kan murteesse ‘Iran Air’, ‘Saha Airline’ fi Mahan Air jedhaman qoqqobbii Daandi Qilleensaa Iraanirra kaa’uu hordofee ta’uun gabaafameera.

Gamtaan Awurooppaa daandileen qilleensaa sadii Raashiyaaf misaa’elaa fi Dirooniiwwan dhiyeessaa turan jechuun qoqqobbii haaraa kaa’uun ni yaadatama.

Dabalataan gamtichi dhaabbilee Iraanii fi namoota dhuunfaa biroorra qoqqobii kaa’uu Pirees TV’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.