Fana: At a Speed of Life!

Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Xiyyaara akka Afrikaatti jalqabaa ta’an fudhachuufi

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC) – Daandiin Qilleensa Itiyoophiyaa Xiyyaara A350-1000 jedhamu akka Afrikaatti jalqabaa ta’e fudhachuuf ta’uu beeksiise.

Xiyyaarri kun maamiltootaaf tajaajila baay’ee fooyya’aa kennuuf kan dandeesisudha jedhame.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa xiyyaara imaltootaa A350-1000 jedhaman akka Afrikaatti kan jalqabaa ta’e “Ethiopia land of origins” jedhamuun moggaafame baatii Onkoloolessaa kana keessa dhaabbata Erbaas(Airbus) irraa kan fudhatu Hojii gaggeessaan olaanaan Giruuppii Daandii Qilleensaa Itiyoophiyaa Obbo Masfin Xaasew ibsaniiru.

Xiyyaarri A350-1000 jedhamu kun daraan ammaayyaa fi teessoo 400 kan qaba yoo ta’u, maamiltootaaf tajaajila olaanaa kennuuf teeknooloojii ammayyaa kan guuttate ta’uu eeraniiru.

Daandiin Qilleensaa Itiyoophiyaa bara Faranjootaa 2035tti waggaatti imaltoota miiliyoona 67 geejjibsiisuun waggaatti galii Doolaara biiliyoona 25 argachuuf hojjechaa jiraachuu ibsameera.

Yeroo ammaa xiyyaarota 147 qabuun iddoowwan ga’umsaa idil-addunyaa 139 fi biyya keessaa 22 uwwisaa jiraachuu TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.