Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Yaa’ii Gamtaa Paarlaamaa Idil addunyaa irratti hirmaachaa jirti

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaan Yaa’ii Gamtaa Paarlaamaa Idil Addunyaa 149ffaa Jenevitti geggeeffama jiru irratti hirmaachaa jirti.

Yaa’icharratti jilli Itiyoophiyaa Afyaa’ii Mana Maree Federeeshinii Aganyawu Tashaagariin durfamu hirmaachaa jira.

Yaa’ichaan dhimmoota saayinsii, teeknooloojii fi innooveeshinii, nageenyaa fi tasgabbii akkasuma bulchiinsa diimokiraatawaa cimsuu dabalatee dhimmoota ijoo biroo irratti ni mari’atama jedhameera.

Rakkoolee biyyoota mudataniif furmaata barbaaduu fi tumsaa sadarkaa paarlamaatti hojiirra oolan sakatta’uu irratti ni mari’atas jedhameera.

Itiyoophiyaan yaa’icharratti hirmaachuunis hawaasa Idil Addunyaa waliin tumsa qabdu caalaatti cimsuuf kutannoo qabdu kan agarsiisu ta’uu odeeffannoon Jenevitti ergamaa dhaabbii Itiyoophiyaarra argame ni mul’isa.

Jilli Itiyoophiyaas muuxannoo biyyattii akka qoodu kan eegamu ta’uun eerameera.

Yaa’iin Gamtaa Paarlaamaa Idil Addunyaa miseensoonni paarlamaa sadarkaa idil addunyaatti jiran dhimmoota Idil Addunyaa irratti mari’achuu fi tumsa idil addunyaa cimsuuf dhimmoota dandeessisaan irratti waltajjii gaggeeffamuudha.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.