Fana: At a Speed of Life!

Hojjettoonni Biiroolee Naannoo Oromiyaa guyyaa Alaabaa kabajan

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC)-Hojjettoonni Biiroolee Mootummaa Naannoo Oromiyaa guyyaa alaabaa mataduree “Alaabaan keenya tokkummaa biyyaaleessaaf, birmadummaafi ol ka’iibsa Itoophiyaaf!” jedhuun sagantaa garaagaraatiin kabajaniiru.

Hoogganaa Itti Aanaa Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa Obbo Isheetuu Sirneessaa saganticharratti haasaa taasisaniin Alaabaan mallattoo tokkummaafi birmadummaa biyyaa ta’uu ibsanii abbootiin keenya birmadummaa biyya isaanii eegsisuuf wareegama qaqqaalii kaffaluun asiin nu gahuu isaanii ibsaniiru.

Dhaloonni kunis imaanaa gootoota biyya eeggachuun jaalala biyya isaaniif qaban gochaan agarsiisuun birmadummaa ishee eegsisuun dhalootaaf dhaalchisuu akka qaban hubachiisaniiru.

Guyyaa Alaabaa wayita kabajnus hiyyummaafi boodatti hafummaa dhabamsiisuun, imala gara misoomaa fi diimookiraasitti Itiyoophiyaan taasiftu, fayyadamummaa ummattootaa haqa qabeessa ta’e mirkaneessuuf waadaa keenya haroomsuun akka ta’us akeekaniiru.

Deemsa jijjiramaa eegalame sadarkaa boodatti deebi’uu hindandeenye irraan gahuuf, qormaatilee mudatan injifannoon ce’uu, miira tokkummaa fi waloomaan dhaabbachuun, karoora mootummaan misoomaa fi bulchiinsa qaarii galmaan gahuuf cichoominaan hojjetamaa jiru kan itti fufu ta’uus eeruu ragaan Biiroo Kominikeshiniirraa arghame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.