Fana: At a Speed of Life!

Hiiknii fi gatiin Alaabaa Itiyoophiyaanotaaf Bakka olaanaa qaba-TKM

Finfinnee, Onkololeessa 4, 2017 (FBC)- Hiiknii fi gatiin Alaabaa Itiyoophiyaanotaaf Bakka olaanaa qaba jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa

Tajaajilichi Guyyaa Alaabaa 17ffaa sababeeffachuun ergaa baga geessanii dabarseera.

Tajaajilichi ibsa baaseen, Alaabaa fuuldura dhaabbanne wayita kabajnu kabajaa fi hiika qabu sirnaan hubachuun ta’uu ibseera.

Alaabaan tokkummaa Sabdaneessummaaf Asxaa waloo ta’uu kaaseera.
Akkasumas mallattoo bilisummaa,Siidaa ciminaa, Asxaa injifannoo, akkasumas wabii tokkummaa sabdaneessummaa ta’uu haalaan hubachuun kabajaa fi jaalala kennuun barbaachiisa ta’uu hubachiiseera.

Alaabaan Itiyoophiyaanootaf Hiika fi gatii olaanaa qabaachuus ibseera.

Itiyoophiyaanoonni Alaabaa isaanii waltajjiiwwan Addunyaa hundaatti galaa fi hidhannoo taasifachuun kabajaa fi jaalala qaban kan ibsatan ta’u himeera.

Itiyoophiyaanonni bu’aaleen galmessanii fi iccitiin injifannoo kabajaa fi jaalala Alaabaa waliin walitti hidhannoo qabaachuu akeekera.

Alaabaan Itiyoophiyaa waanjoo bittaa garbummaa kan cabsee fi Mallattoo Bilisummaa Afrikaatti jedheera.

Alaabaan Itiyoophiyaa kabajni isaa eegame dhaloota dhalootatti akka cee’uuf har’as ta’ee boru akka kaleessaa wareegama kaffaluuf qophii ta’uu ibseera.

Gootichi Raayyaa Ittisa Biyyaa Alaabaan akka kabaja hindhabnee fi birnadummaan biyyaa balaarra akka hinbuune addaa waraanaatti lafee isaa cabsuun, dhiigaa isaa dhangalaasuun kabaja alaabaaf jedhee ta’uu ibseera.

Alaabaa dhiigaa fi lafeen eegame kabajuu fi birmadummaa daran cimsuuf, damee bobbaanerratti tattaafachuu, birmadummaa nyaataa mirkaneessuuf taattafachuu, hannaa fi malaammaltummaa miiraa gootummaan wayita qabsofnu, nagaa mirkaneessuun akka itti fufuuf kutannoon wayita mirkaneessinu, akkasumas gamtoomnee jiraachuu wayita dandeenyu ta’uu dagachuu akka hinqabne hubachiiseera.

Ummanni nyaataan of hindandeenye birmadummaan biyyaa mirkanaa’eera jechuun hindanda’amu kan jedhe tajaajilichi, kuis kan mirkanaa’u hunduu damee bobba’erratti ciminaan wayita hojjetuudha jedheera.

Kanaaf guyyaa alaabaa wayita kabajnu birmadummaa bu’uuressuuf, kabaja alaabaa olkaasuuf, damee hundatti itti gaafatama biyyaalessummaa ba’achuuf irra deebiin waadaa galle haaromsuu qabna jedheera.

Guyyaan Alaabaa mataa duree “Alaabaan Keenya Tokkummaa Biyyaalessaaf, Birmadummaa fi Olka’iinsaa Itiyoophiyaaf” yeroo 17ffaaf har’a sadarka biyyaalessaatti ni kabajama.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.