Fana: At a Speed of Life!

Miidhaa sarara geejjiba baaburaa Itiyoo-Jibuutii mudate sirreessuuf carraaqqiin taasifama jira

Finfinnee, Onkoloolessa 3, 2017 (FBC)- Miidhaa sarara Geejjiba Baaburaa Itiyoo-Jibuutii mudate sirreeuun tajaajilatti deebisuuf carraaqqiin taasifama jiraachuun Waldaan Aksiyoonaa Daandichaa beeksise.

Naannawaa Awaashitti Sarara geejjiba baaburaa Itiyoo-Jibuutiirra miidhaa ga’uun ibsameera.

Naannwichaatti sararri daandichaa meetira 15 dheeratu gadi liqimfamuu fi meeshaleen hadiida sararachaa ciccittuun eerameera.

Hoji Raawwachiisaan Waldaa Aksiyoona Daandichaa Injiinar Taakkalaa Uuman gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka ibsanitti ka’umsi miidhaa mudatee qoratamaa jira.

Miidhaa qaqqabe kana saffisaan sirreesuun sararicha gara tajaajila guutuutti deebisuuf hirmaannaa fi carraaqqiin taasifamaa jiraachuu akeekaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.