Fana: At a Speed of Life!

Godinichaatti Lafti hektaarri kumni 700 ol midhaan akaakuu garaagaraa Kilaastera misoomaa jira

Finfinnee, Onkololeessa 2, 2017 (FBC) – Godina Arsiitti Lafti hektaarri kumni 700 ol midhaan akaakuu garaagaraa Kilaastera misoomaa jira.

Jilli hogganaa Biiroo Investimentiifi Indaastirii Oromiyaa Obbo Ahmad Idriisiin durfamu godina Arsii Aanaa Heexosaatti Qamadii kilaasteraa jiru daawwateera.

Godinichaatti lafa hektaara kuma 930 ol omisha midhaan garagaraatiin uwwifame jiru keessa,lafti hektaarri kumni 452 ol qamadii kilaasteraan misoome ta’uu ibsameera.

Lafa misoome kanarraa callaa kuntaalli miiliyaanni 29 ni abdatama.

Hirphoo Shibootu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.