Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan Harka Nagaaf Diriirse Har’as Hindachaasu-Pir. Shimallis Abdiisaa

Mootummaan Harka Nagaaf Diriirse Har’as Hindachaasu-Pir. Shimallis Abdiisaa

Finfinnee, Fulbaana 30, 2017 (FBC)-Mootummaan Harka Nagaaf Diriirse Har’as Hindachaasu jedhan Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan.

Pireezidaanti Shimallis gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin Mootummaan Naannoo Oromiyaa yeroo adda addaatti garaagarummaa jiru dhiphisuun, rakkoo nageenyaa naannoo Oromiyaa mudate karaa nagaan hiikuun nageenyafi misooma ummata Oromoo guutuummatti deebisuuf qaamolee hidhatanii socho’aniif waamicha walirraa hincinne taasisuufi yaaliiwwan marii gochaa turuu ibsan.

Kanaanis, yeroo garaagaraatti hidhattoonni murna adda addaa kumaatamaan lakkaawaman galuun gadadoo ummata isaanirra gahaa ture hirdhisuu keessatti qooda bahataa jiraachuu yaadachiiaaniiru..

Mootummaan hidhattoota waamicha nagaa fudhachuun araaraan galaa turanifi galaa jiran, akkasumas qaamolee qoodafudhattootaa milkaa’ina hanga ammaa argameef gumaachan maraaf dinqisiifannaafi kabaja olaanaa kan qabu ta’uu irra deebiin ibsuun barbaada jedhan.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa kutannoofi waadaa rakkoo nageenyaa ummata keenyaa mankaraarsaa jiru karaa nagaa hiikuuf qabu har’as kan hinlaaffisneefi karra araaraaf bane kan hincufne ta’uu hubachiisaniiru.

Bu’uuruma kanaan, qaamolee hidhatanii Naannoo keenya keessa socho’an keessaa gareen “WBO Zoonii Giddugaleessaa” jedhee of waamu mootummaa waliin marii nagaa adeemsisuun garaagarummaa isaa karaa nagaa tarkaanfachiisuuf fedhii qabaachuu dhiheenya ibsuun isaa kan yaadachiisaniiru.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa ejjannoo gareen kun qabate daran kan jajjabeessuufi ija gaariin kan ilaalu ta’uu eeranii, gareen kun fedhii isaa gochaan agarsiisuuf murannoo qabaannan, mootummaan keenya akkuma waadaa galee karaa dheeraa deemee simachuun, marii nagaatiif qophii ta’uu mirkaneessaniiru

Dabalataanis, mootummaan hidhattoota karaa nagaafi araaraa filachuun galaa jiraniifi galuu yaadaniif haalota jiruufi jireenya isaanii deebisanii gadi dhaabbachuufi hawaasatti madaquuf isaan barbaachisan hunda mijeessuu cimsee kan itti fufuu ta’uu kaasan.

Akkasumas, kanneen garaagarummaa yaada isaanii karaa nagaa tarkaanfachiisuu barbaadaniif dirree siyaasaa falmii yaadaaf mijatu kan qopheessuu qofa osoo hintaane, tiksuuf yeroo kamuu dammaqinaan kan hojjetu ta’uu ibsaniiru.

Mootummaan waamicha nagaafi araaraa obsa olaanadhaan, irra deddeebiin gochaa tureera; ammas itti jira jedhan.

Dheebuun ummataa misoomafi nageenya qe’ee isaati; araarafi tokkummaa maatii isaati jedhanii, boqonnaan walitti bu’iinsaa cufamee, garaagarummaa jiru mariifi marabbaan hiikamee nagaan bahee galuun hawwii guutuu hawaasaa ta’uu himaniiru.

“Mootummaan Naannoo Oromiyaa, fedhii marii nagaa gareen “WBO Zoonii Giddugaleessaa” ofiin jedhu agarsiise daran kan jajjabeessuu fi haala dandeessisoo milkaa’ina marii kanaaf barbaachisan hunda umuun, garaagarummaa jiru karaa nagaa hiikuuf qophii ta’uu isaa maqaa kiyyaafi maqaa Mootummaa Naannoo Oromiyaatin irradeebiin mirkaneessaa, qaamolee qooda fudhattootaa rakkoo nageenyaa mudate karaa nagaatiin akka hiikamu tattaaffii gochaa turtan hundi deggarsa keessan daran cimsuun fedhii marii nagaa tibba kana garee “WBO Zoonii Giddugaleessaa” ofiin jedhu biraa muldhate milkaa’inaan akka goolabamuuf nuwaliin akka dhaabbattan imaanaa jechuun barbaada.” jedhaniiru.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.