Fana: At a Speed of Life!

Kantiibaa Adaanech badhaasa hoggansa “Smart City 2024” badhaafaman

Finfinnee, Fulbaana 30, 2017 (FBC) – Kantiibaan Magaalaa Finfinnee Aadde Adaanech Abeebeen Kooriyaa Kibbaa Magaalaa See’ulitti Badhaasa Hoggansa Smart City badhaafaman.

Aadde Adaanech jireenya jiraattota magaalichaa fooyyessuufi bu’uuraalee misoomaa magaalichaa fooyyessuuf hoggansa mul’ataan masakame kennaa waan jiraniif akka badhaasa kanaaf filaman eerameera.

Aadde Adaanech kantiibota magaalota 115 biyyoota 72 irraa hirmaatan caaluun badhaafaman.

Magaalaa Finfinnee jijjiiruuf hoggansa laataniifi jijjiirama qabatamaa agarsiisan hoggantoota idil addunyaan fudhatamummaa gudddaa akka argate eerameera.

Hojii Misooma Kooriidaraa qilleensa naannoon firoomee, teekinooloojiin deeggarameefi misooma waaraa magaalichaa keessatti fiduun fayyadamummaa jiraattotaa haalaan guddisu hojjechuu isaaniif beekamtii kennuu dhaabbatichi ibseera.

Aadde Adaanech misooma hirmaachisaa tajaajila hawaasaa dhaqqabamaafi mijataa taasisu akkasumas lammilee galii gadi aanaa giddugaleeffate irratti xiyyeeffate hojjechuun milkaa’oo ta’uus waltajjii kanarratti eerameera.

Sababa hojiin waltajjicha irratti argamuu kan hin dandeenye Kantiibaa Adaanech Abeebeen ergaa Koree badhaasichaaf erganiin “Beekamtiin kun tattaaffii waloon kan dhufeefi jireenya jiraattota magaalichaa foyyessuuf qaamolee yeroofi beekumsa isaanii gumaachan maraaf ha ta’u” jedhaniiru.

Badhaasonni akkasii hoggantootni milkaa’ina isaanii akka waljijjiiraniifi waloon akka hojjetanii magaalota ammayyaa akka uuman isaan gargaara jedhan.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.