Fana: At a Speed of Life!

Buna toonii miiliyoona 1 oomishuuf galma qabame milkeessineerra-Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Fulbaana 30, 2017 (FBC)-Haala ajaa’ibsiisaan Buna toonii miiliyoona 1 oomishuuf galma qabame milkeessuu dandeenyeerra jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.

Dooktar Abiy Ahimad gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin akka jedhanitti Bunni utubaa diinagdeeti.

Misooma Bunaan tarkaanfiin guddinaa argisiisne kana kan calaqqisiisu ta’uu himaniiru.

Haala ajaa’ibsiisaan Buna toonii miiliyoona 1 oomishuuf galma qabame milkeessineerra kan jedhan Dooktar Abiy, fayyadamummaan bunaa biyya keessaas guddina argisiisuu himaniiru.

Qormaatilee jiraaniin cinaatti damee misooma bunaan milkaa’inni jiru itti fufuu kaasanii, damicharratti kanneen bobba’an hundi indaastirii murteessaa kana daran guddisuufis gahee isaanii akka bahatan gaafataniiru.

Waggoottan ja’an darban kutannoo jiru haala argisiisuun biqiltuuwwan Bunaa biiliyoonni 8.5 dhaabamuu yaadachiisanii, fuuncaa sona bunaaf tajaajilli loojistiksii saffisaan murteessaa ta’uu himaniiru.

Hojiin sona dabaluu kallattii xiyyeeffannoo isaa ijoo ta’uus dubbataniiru.

Fuuldurattis hojii fi kalaqa cimsuun milkaa’inaalee galmaa’an itti fufsiisuu fi babal’isuu qabna jedhaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.