Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaa fi Riippaablikni Kooriyaa waliigaltee Piroojektii Doolaara miiliyoona 10 mallatteessan

Finfinnee, Fulbaana 30, 2017 (FBC) – Ministeerri Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa fi Ejansiin Tumsa Idil Addunyaa Riippablika Kooriyaa waliigaltee Piroojektii Doolaara miiliyoona 10 mallatteessaniiru.

Piroojektiin kun hariiroo biyyoota lamaanii caalmaatti kan cimsu ta’uu waliigalticha kan mallatteessan Daayrektarri Ejansii Tumsa Idil Addunyaa Riippablika Kooriyaa Miister Haan Diiyuug Choon ibsaniiru.

Piroojektichi tattaaffii Itiyoophiyaan misooma waaraa mirkaneessuu fi guddina Diinagdee saffisiisuuf taasiisaa jirtu kan tumsu ta’uu eeraniiru.

Deeggarsichi guddina Damee Qonnaa fi guddina diinagdee waliigalaaf qooda olaanaa qabaachuu Ministirri Ministeera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannawaa Dooktar Kaasahuun Goofeen dubbachuu ragaan ministeerichaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.