Fana: At a Speed of Life!

Filooriidaatti Obomboleettiin karfaffuu makate mudate

Finfinnee, Fulbaana 30, 2017 (FBC)- Ameerikaa Bulchiinsa Filooriidaatti obomboleettiin karfaffuu makate ‘Haarikeen Miiltan’ jedhamu mudachuun ibsame.

Balaan kunis sigiga lafaa, lolaa fi haala roobaa cimaa hordofsiisuu fi humni elektirikii addaan cituun ibsameera.

Kana malees, balichaan lammiileen lubbuun isaanii darbe jiraachuun gabaafameera.

Hogganaan Deebii Balaa Biyyaalessaa Ameerikaa Diin Kirisweel, mootummaan akeekkachiisa kenne hordofee hanga ammaatti jiraattoonni filooriidaa kuma 70 ol buufata jireenyaa yerootti akka argaman himaniiru.

Haalli obomboleetti mudatee hir’isaa jiraatus ammallee sodaan balaa akka jiru ibsamuu BBC’n gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.