Fana: At a Speed of Life!

Dureewwan GEA Pireezidaantii Haaraa Itiyoophiyaaf ergaa baga gammaddanii dabarsan

Finfinnee, Fulbaana 30, 2017 (FBC)- Dureewwan Gamtaa Emereetota Arabaa Pireezidaantii FDRI Taayyee Atsiqasillaaseef ergaa baga gammaddanii fi hawwii gaarii dabarsaniiru.

Pireezidaantiin Gamtaa Emereetota Arabaa Sheek Mahaammad Biib Zaayiid Al Nahiyaan dabalatee dureewwan olaanoon biyyattii Pireezidantii Taayyee Atsiqasillaaseef ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru.

Dureewwan kunneen Pireezidanti Taayyeef bara hojii gaarii akka ta’uuf hawwii gaarii qaban ibsuu ragaan Gamtichatti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.