Fana: At a Speed of Life!

Sirni Awwaalchaa Gaazexeessaa Warquu Gaaddisaa raawwate

Finfinnee, Fulbaana 29, 2017 (FBC)- Sirni Awwaalchaa Gaazexeessaa Warquu Gaaddisaa raawwatame.

Daayrekterri Teelevizhinii Itiyooophiyaa qophii afaan Oromoo duraanii fi Daayirektiingiin AMN tajaajilaa kan turan Obbo Warquu Gaaddisaan guyyaa kaleessaa addunyaa kanarraa du’aan boqochuun ni yaadatama.

Obbo Warquun duraan ETV keessatti tamsaasa Afaan Oromoo eegalchiisuun Diraamawwan gabaaboo fi dhedheeroo hedduu gumaachuun guddina Aadaafi Afaan Oromoo keessatti shoora olaanaa nama bahatan turaniidha.

Qophii Dhangaa Televizhinii Itiyoophiyaarratti sagantaa Afaan Oromoon darbaa turee fi uummanni Oromoo hedduu jaalatu akkasumas sirboota bara kudha sagal sagaltamootaa keessa waraabaman hedduu ogummaan tumsaa turaniiru.

Gaazexeessaa Warquun Dhibee isaan mudateen yaalii fayyaarra osoo jiranuu lubbuun darbuu isaanii AMN gabaaseera.

Gaazexeessaa Warquu Gaaddisaan Abbaa ijoollee dhiiraa tokkoo fi dubara lamaa turan.

Sirni awwaalcha isaanis har’a Finfinneetti bakka maatii fi firoottan argamanitti raawwateera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.