Fana: At a Speed of Life!

Itiyoophiyaan Agarsiisa Bunaa Idil Addunyaarraatti hirmaacha jirti

Finfinnee, Fulbaana 29, 2017 (FBC)- Itiyoophiyaan agarsiisa Buna dhandhama gaarii Idil Addunyaa Jaappaanitti qophaa’eerratti hirmaachaa jiraachuun ibsame.

Agarsisichi qopheessummaa Waldaa Buna Dhandhama gaarii Jaappaaniin kan dhiyaate ta’uun eerameera.

Agarsisicharratti Jaappaanitti Ambaasaaddara Itiyoophiyaa Ambaasaaddar Dhaabaa Dabalee, Ministira Alaa Jaappaan, Pireezidaantii Waldaa Buna Dhandhama gaarii Jaappaanii fi Ambaasaaddaroonni biyyoota garaagaraa argamaniiru.

Agarsisa buna idil Addunyaa waggaa giddugalaa Tookiyoo Biig Saayititti gaggeeffamaa jirurratti Itiyoophiyaan hirmaannaa bal’aa taasisaa jiraachuu ragaan Jaappaanitti Embaasii Itiyoophiyaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.