Fana: At a Speed of Life!

Yaa’iin sirna odeeffannoo fayyaa dijitaalawaan gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 29, 2017 (FBC)- Yaa’iin jalqabaa sirna odeeffannoo fayyaa dijitaalawaan biyyoonni Afrikaa 19 irratti hirmaatan Finfinneetti gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti hoggantoonnii fi ogeeyyiin damee fayyaa biyyoota Afrikaa 19 fi dhaabbileen tumsitootaa hirmaachaa jiraachuun ibsameera.

Ministir Deetaan Ministeera Fayyaa Dooktar Ayyaalaa Tashoomaan haasawaa taasisaniin sirni odeeffannoo fayyaa hawaasaa dijitaalawaan, imala damee fayyaaf faayidaa olaanaa akka qabu dubbatan.

Naannawaa baadiyyaa biyyattiitti abbootiin warraa miiliyoona 6 fi maatiiwwan miiliyoona 25 sirna odeeffannoo fayyaa dijitaalawaan akka tumsaman himaniiru.

Sirna fayyaa ammayyeessuun dijitaalessuu fi tajaajila damichaa saffisaa fi bu’a qabeessa taasisuuf xiyyeeffannaan hojjetamaa jiraachuu dubbachuu ragaan Ministeera Fayyaarra argame ni mul’isa.

Dooktar Ayyalaan Hundeessa fi Hoji Gaggeessaa Mosaajii “Com Care Solution” Jonattaan Jaaksan fi dhaabbilee fi qaamolee tumsitoota yaa’ichaa galateeffataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.